FAAYIDAA DURDURIIN DANDEETTII AFAAN DAA'IMMANII GUDDISUUF QABU, GODINA ARSII LIXAA AANAA NAGEELLEE ARSII
Notice bibliographique
Résumé
Axeereraa Qorannoon kun faayidaa durduriin dandeettii afaan daa’immanii guddisuuf qabu qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Odeeffannoowwan af gaaffii fi bar gaaffii odeef kennitoota irraa funaannaman wal duraa duubaan akkaataa barbaachisummaa isaaniitiin karaa al lakkoofsawaa ta’een, jechaan ibsamuun qaacceffamee jira. kunis, mala qorannoo qulqulleeffataa gargaaramuun kan raawwatameedha. Faayidaa durduriin dandeettii Afaan daa’immanii guddisuuf qabu hedduu ta’u isaa qorannoo kanaanbira gahamee jira. kanaanis, qabxiiwwan itti aanan argannoowwan qorannoo kanaa durduriin maatii keessatti maqaalee wantoota garagaraa, lakkofsa, haala falmii, safuu fi aadaa hawaasa keessa jiru adda baafachuun, beekumsa gama kanaan qaban akka cimsataniif hedduu gargaaru isaa maan guddootaa fi dargaggoota odeeffannoo laatan durdurii bu’ureeffachoon addeessanii jiru. Kana malees durduriin mana barumsaa keessatti; dandeettiiwwan afaanii, keessattuu dubbachuu fi dhaggeeffachuu daraan akka cimsatan taasisu, dandeettii jechootaa hiikaa fi faallaa isaanii waliinfi beekumsa gama caasluugaan qaban dabaluu isaa; akkasumas, durduriin sammuu ijoollee kallattii gara garaan qaruu, dandeettii waa yaadachuu daa’immanii cimsuu keessati yaada haara akka isaan burqisiisaan taasisuun isaa, odeeffanoowwan qorannoo kanaaf walitti qabaman raga ba’anii jiru. Bifuma wal fakkaatuun, raawwii durduriin ittiin taphatamu eeganii, durdurii taphachuun, daa’imman obsa barsiisuun cinatti wantoota adeemsa sana keessatti rawwatamu sana xiiqeeffachuun beekamsa gama kanaan ta’ee gama durduriitiin qaban daran dabaluu, seera wantoota gara garaa barsiisuu, bashanansiisuun, dhiphinaafi nuffi tokko malee ijoollee beekumsa garagaraa gonfachiisuu, tapha durdurii keessatti xiiqii walitti qabachuun, beekumsa isaanii walii gabbisaa akka deemaniif, gargaaruu isaa manguddootaa fi haadholiin odeeffannoo laatan adeemsicha bu’ureeffachuun ibsanii jiru kun otoo ta’ee jiruu, sababoota gara garaatiin hawaasni durduritti fayyadamuu dhiisaa jira. kanaafis wanti akka sababatti odeef kennitoota irraa argame, sababa aanaan Nageellee Arsii magaalaa taateefi wantoota bu’aa teeknolojii ta’aniin bakka bu’aa dhufuu isaa himu. Kunis, daa’imman yeroo isaanii durduriirratti dabarsuu manna filmiiilaaluu, tapha kubbaa hordofuu, reediyoo dhggeeffachuu televizinii ilaaluu fi darbee darbee feesbuukii fayyadamuuf iddoo akka laatan dubbatu. Haa ta’u malee, wantoota bu’aa teeknoloojii ta’an kanaaf bu’uurri afoola jaarraa hedduu lakkoofsiise kana ta’uun beekama dha. Kanaafuu, bu’aawwan teeknooloojii kanaan deegarame yoo dhimma itti ba’ame immoo, bu’aan isaa kana caalaa safaramuu danda’a waan ta’eef, dhimmicha hubannoo keessa galchuunitti fayyadamuun fala ta’a. dhumarrattis, dameen afoolaa kun kallattii gara garaatiin faayidaa hedduu buusuu osoo danda’uu irraanfatamaa dhufuun, akka hin badneef qaama dhmmi ilaalu; hawaasni, barsiisoni, barattoonni, waajjiira Aadaa fi Turizimii hundu gahee isaan irraa eegamu bahuun afoola jaalatamaafi bashannansiisaa kana kunuunsuun bu’aa buusuu qabu akka buusu osoo godhanii gaarii ta’a. 1
Récupéré en direct depuis OpenAlex et désinversé. Les résumés ne sont pas conservés dans cette base de données : les index inversés représentent 8,6 Go des 9,3 Go de texte de la base, et le serveur dispose de 13 Go libres.
Comment cette classification a été obtenuedéplier
Prédiction distillée sur la base complète
Imitation des enseignantsNi prévalence calibrée, ni vérité terrain. Validation humaine à venir. Apprise à partir de 10 348 étiquettes directes de Codex et de 10 348 étiquettes directes de Gemma. Le mode candidate est l'union des têtes enseignantes seuillées; le consensus est leur intersection. Ces sorties portent le statut machine_predicted_unvalidated et ne sont ni des étiquettes humaines ni des étiquettes directes de modèles de pointe.
Scores Codex et Gemma par catégorie
| Catégorie | Codex | Gemma |
|---|---|---|
| Métarecherche | 0,001 | 0,002 |
| Méta-épidémiologie (sens strict) | 0,001 | 0,001 |
| Méta-épidémiologie (sens large) | 0,001 | 0,001 |
| Bibliométrie | 0,000 | 0,001 |
| Études des sciences et des technologies | 0,001 | 0,001 |
| Communication savante | 0,001 | 0,004 |
| Science ouverte | 0,002 | 0,000 |
| Intégrité de la recherche | 0,001 | 0,002 |
| Charge utile insuffisante (le modèle a refusé de juger) | 0,000 | 0,001 |
Scores machine (provisoires)
Les deux têtes enseignantes du modèle étudiant, lues sur ce travail. Un score ordonne la base pour la relecture; il n'affirme jamais une catégorie, et le statut de validation accompagne chaque rangée tel quel.
Scores de référence d'un modèle non mature (critères de maturité non atteints, 7 itérations). Un score ordonne; il n'affirme jamais une catégorie.
score_only:v0-immature-baseline · tel quel depuis la passe de notation : score_only signifie que le nombre peut ordonner les travaux, et qu'aucune étiquette de catégorie n'en découleClassification
machine, non validéePrédiction automatique; un appel candidat d’une seule tête enseignante, pas un consensus.
Le détail, modèle par modèle et score par score, se trouve en fin de page sous « Comment cette classification a été obtenue ».